-
Uumama 19:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Irra deddeebiʼanii Looxiin waamuudhaanis, “Namoonni harʼa galgala gara kee dhufan eessa jiru? Nuti isaanii wajjin saalqunnamtii akka raawwannuuf gad nuu baasi” isaan jedhan.+
-
-
Leewwota 20:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 “‘Dhiirri tokko akkuma dubartii takka wajjin ciisutti dhiiraa wajjin yoo ciise, lamaan isaanii iyyuu wanta jibbisiisaa raawwataniiru.+ Isaan mamii tokko malee haa ajjeefaman. Dhiigni isaanii mataa isaanii irra ni taʼa.
-
-
Abbootii Murtii 19:22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Utuma isaan garaa isaanii gammachiisaa jiraniis, namoonni magaalattii gatii hin qabne muraasni dhufanii manichatti marsanii akka malee balbala rurrukutuu jalqaban; irra deddeebiʼaniis jaarsa isa abbaa manichaa taʼe sanaan, “Akka nuti isaa wajjin ciisnuuf namicha mana kee dhufe sana gad nuuf baasi”+ jedhan.
-
-
Roomaa 1:26, 27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Waaqayyo fedhii saalqunnamtii qaanessaa taʼetti dabarsee kan isaan kenne kanaafi;+ dubartoonni isaanii saalqunnamtii uumamaan isaaniif kenname isa uumamaan ala taʼetti jijjiiran;+ 27 dhiironnis isa uumamaan isaaniif kenname dubartootaa wajjin saalqunnamtii raawwachuu dhiisanii, dhiironni dhiirotaa wajjin kajeellaa saalqunnamtiitiin gubatan;+ wanta qaanessaa hojjechuudhaanis, ofuma isaaniitiin adaba* cubbuu isaaniitiif malu guutummaatti fudhatan.+
-
-
1 Qorontos 6:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yookiin namoonni jalʼoota taʼan Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle hin beektanii?+ Hin dogoggorinaa.* Warri halaleen,*+ warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan,+ ejjitoonni,+ warri gadhaaʼan,+ warri nama gadhoomsan,*+ 10 hattoonni, sassattoonni,+ warri machaaʼan,+ warri nama arrabsanii fi saamtonni Mootummaa Waaqayyoo hin dhaalan.+
-