-
Keessa Deebii 20:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Kanaa mannaa, akkuma Waaqni kee Yihowaan si ajajetti isaaniin, jechuunis Heetota, Amoorota, Kanaʼaanota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota guutummaatti balleessi;+ 18 kunis, isaan wantoota jibbisiisoo waaqolii isaaniitiif godhan hundumaa akka isin hin barsiisnee fi Waaqa keessan Yihowaa irratti cubbuu akka hojjettan akka isin hin gooneefi.+
-
-
2 Mootota 16:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Akaaz yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 20 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 16f ni bulche. Akka abbaan isaa Daawit godhetti, inni wanta Waaqa isaa Yihowaa duratti sirrii taʼe hin goone.+ 3 Kanaa mannaa, daandii mootota Israaʼel irra ni deeme;+ gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan Israaʼelota duraa ariʼe sun raawwachaa turan duukaa buʼuudhaan+ ilma isaa illee ibiddaan ni gube.*+
-
-
2 Mootota 21:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Minaaseen+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 12 ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 55f ni bulche.+ Maqaan haadha isaa Hefziibaa ture. 2 Inni gochawwan jibbisiisoo saboonni warri Yihowaan saba Israaʼel duraa ariʼe sun raawwachaa turan hordofuudhaan,+ wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate.+
-