LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 34:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Jiraattota biyyattii wajjin kakuu akka hin galle of eeggadhu; sababiin isaas, yommuu isaan waaqolii isaanii wajjin sagaagalanittii fi waaqolii isaaniitiif aarsaa dhiheessanitti,+ namni tokko si affeeree atis aarsaa inni dhiheesse irraa nyaachuu dandeessa taʼa.+

  • Keessa Deebii 7:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Sababiin isaas, isaan ilmaan kee ana duukaa buʼuu irraa goranii waaqolii kan biroo akka tajaajilan ni godhu;+ achiis dheekkamsi Yihowaa si irratti bobaʼa; innis hatattamaan haxaaʼee si balleessa.+

  • Iyyaasuu 23:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Haa taʼu malee, isin guutummaatti duubatti deebitanii warra saboota sana irraa isin biratti hafan kanatti+ maxxantanii gaaʼelaan yoo walitti firoomtan,+ michoota isaanii yoo taatanii fi isaanis michoota keessan yoo taʼan, 13 kana booda Waaqni keessan Yihowaan saboota kana isin duraa akka hin ariine beekkadhaa.+ Hamma isin biyya gaarii Waaqni keessan Yihowaan isiniif kenne kana irraa balleeffamtanitti isaan kiyyoo fi hudhaa isinitti taʼu; dugda keessanitti qaccee,+ ija keessanitti immoo qoree ni taʼu.

  • Isaayyaas 2:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Ati saba kee, mana Yaaqoob dhiisteetta,+

      Sababiin isaas, isaan wantoota Baha irraa dhufaniin guutamaniiru;

      Isaan akkuma Filisxeemotaatti mora raawwatu,+

      Ijoollee namoota biyya ormaatiinis guutamaniiru.

  • 1 Qorontos 5:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Of jajuun keessan gaarii miti. Raacitii xinnoon guutummaa bukichaa akka bukeessu hin beektanii?+

  • 1 Qorontos 15:33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 33 Hin dogoggorinaa. Hiriyummaa gadheen amala* gaarii mancaasa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi