-
Keessa Deebii 1:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 “Yeroo sanatti abbootii murtii keessaniif qajeelfama akkana jedhu nan kenne: ‘Isin dhimma obboloota keessan gidduutti kaʼe tokko yommuu dhageessan, nama tokkoo fi obboleessa isaa yookiin isaa fi nama biyya ormaa gidduutti+ qajeelummaadhaan murtii kennaa.+ 17 Murtii kennuu irratti hin looginaa.+ Akkuma isa guddaa dhageessanitti isa xinnaas dhagaʼaa.+ Murtiin kan Waaqayyoo waan taʼeef,+ nama hin sodaatinaa;+ dhimmi tokko humna keessanii ol yoo taʼe, anatti dhiheessaa; anis dhimmicha nan dhagaʼa.’+
-
-
2 Seenaa Baraa 19:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Abbootii murtiitiinis akkana jedhe: “Isin namaaf utuu hin taʼin Yihowaadhaaf waan murteessitaniif, akkasumas yommuu murtii dabarsitan inni isinii wajjin waan jiruuf, wanta gootaniif of eeggadhaa.+
-
-
Roomaa 2:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Sababiin isaas, Waaqayyo bira looguun hin jiru.+
-