-
Hisqiʼel 6:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Warri miliqanis saboota warra boojuudhaan itti fudhataman gidduu taaʼanii na yaadatu.+ Isaanis garaa isaanii isa amanamaa hin taane* isa na irraa gore+ sanaan, akkasumas ija isaanii isa waaqolii tolfamoo isaanii warra balfamoo taʼan kajeeluudhaan* duukaa buʼe+ sanaan kan kaʼe garaan koo cabuu isaa ni hubatu. Isaan wanta hamaa fi jibbisiisaa raawwatan hundumaatiin kan kaʼe ni qaanaʼu, wantoota kanas ni jibbu.+
-
-
Daaniʼel 9:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 nuti cubbuu hojjenneerra, balleessaa fi hammina raawwanneerra, fincilleerras;+ ajajawwan kee fi murtiiwwan kee irraa gorreera.
-