Baʼuu 24:3 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 3 Museenis dhufee dubbii Yihowaa hundumaa fi heerawwan isaa hundumaa sabichatti hime;+ guutummaan sabichaas sagalee tokkoon, “Nuti dubbii Yihowaan dubbate hundumaa raawwachuuf fedhii qabna”+ jedhanii deebisan. Baʼuu 24:8 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 8 Kanaafuu, Museen dhiigicha fuudhee sabicha irratti facaasuudhaan,+ “Kun dhiiga kakuu isa dubbii kana hundumaa wajjin haala wal simuun Yihowaan isinii wajjin gale sanaa ti” jedhe.+ Keessa Deebii 9:9 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 9 Ani gabateewwan dhagaa, jechuunis gabateewwan kakuu Yihowaan isinii wajjin gale qabatan sana+ fudhachuuf yommuun gaarichatti ol baʼetti,+ nyaata utuu hin nyaatin, bishaanis utuu hin dhugin guyyaa 40 fi halkan 40 gaaricha irra tureera.+
3 Museenis dhufee dubbii Yihowaa hundumaa fi heerawwan isaa hundumaa sabichatti hime;+ guutummaan sabichaas sagalee tokkoon, “Nuti dubbii Yihowaan dubbate hundumaa raawwachuuf fedhii qabna”+ jedhanii deebisan.
8 Kanaafuu, Museen dhiigicha fuudhee sabicha irratti facaasuudhaan,+ “Kun dhiiga kakuu isa dubbii kana hundumaa wajjin haala wal simuun Yihowaan isinii wajjin gale sanaa ti” jedhe.+
9 Ani gabateewwan dhagaa, jechuunis gabateewwan kakuu Yihowaan isinii wajjin gale qabatan sana+ fudhachuuf yommuun gaarichatti ol baʼetti,+ nyaata utuu hin nyaatin, bishaanis utuu hin dhugin guyyaa 40 fi halkan 40 gaaricha irra tureera.+