-
Leewwota 6:14-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 “‘Seerri aarsaa midhaanii kana dha:+ Isin warri ilmaan Aaron taatan, iddoo aarsaa fuulduratti Yihowaa duratti isa ni dhiheessitu. 15 Isaan keessaa inni tokko daakuu bullaaʼaa aarsaa midhaanii irraa hammaarraa tokko, zayitii muraasaa fi ixaana adii isa aarsaa midhaanii irra jiru sana hundumaa ni fuudha; achiis guutummaa aarsichaa kan bakka buʼu gochuudhaan aarsaa urgaan isaa gammachiisu* godhee iddoo aarsaa irratti Yihowaadhaaf akka aaru godha.+ 16 Wanta isa irraa hafe Aaronii fi ilmaan isaa ni nyaatu.+ Innis iddoo qulqulluu keessatti akka maxinootti tolfamee nyaatama. Isaan mooraa dunkaana walgaʼii keessatti isa nyaatu.+
-
-
1 Qorontos 9:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Namoonni tajaajila qulqulluu raawwatan, wanta mana qulqullummaa keessa jiru irraa akka nyaatanii fi namoonni yeroo hunda iddoo aarsaatti tajaajilan iddoo aarsaa sana irraa qooda isaanii akka fudhatan hin beektanii?+
-