-
Lakkoofsa 25:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 “Miidiyaanota dhiphisaa; akkasumas isaan rukutaa;+ 18 sababiin isaas, isaan Pheʼoriin kan kaʼe,+ akkasumas intala ajajaa Miidiyaan kan taate obboleettii isaanii Koozbii ishii Pheʼor ishii guyyaa dhaʼichi isin irra gaʼetti+ ajjeefamte+ sanaan kan kaʼe haxxummaadhaan cubbuu akka hojjettan gochuudhaan isin dhiphisaniiru.”
-
-
Keessa Deebii 4:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 “Baʼaal isa Pheʼoriin ilaalchisee wanta Yihowaan godhe ijuma keessaniin argitaniittu; Waaqni keessan Yihowaan nama Baʼaal isa Pheʼor duukaa buʼe hundumaa isin gidduudhaa haxaaʼee balleesseera.+
-
-
Iyyaasuu 22:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Cubbuun Pheʼoritti raawwatame nutti hanqatee? Yaaʼii Yihowaa irratti dhaʼichi kan dhufe taʼus, nuti hamma harʼaatti isa irraa of hin qulqulleessine.+
-