-
Baʼuu 37:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Itti aansuudhaan muka laaftoo irraa iddoo aarsaa ixaanaa+ tokko ni tolche. Iddoon aarsaa sun dheerinni isaa dhundhuma tokko, dalgi isaa dhundhuma tokko, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma lama taʼee rogni isaa arfan wal qixa ture. Gaanfonni isaa isaa wajjin tokko taʼanii kan tolfaman turan.+ 26 Gubbaa isaa, cinaa isaa hundumaa fi gaanfota isaa warqii qulqulluudhaan ni uwwise; qarqara isaatti naannessees ittisa* warqii ni tolche.
-