LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 18:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Museen guutummaa Israaʼel keessaa namoota gaʼumsa qaban filatee ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaa fi ajajjoota kudhanii godhee sabicha irratti isaan muude.

  • Lakkoofsa 1:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Warri yaaʼicha keessaa waamaman kanneen kana turan. Isaan ajajjoota+ gosoota abbootii isaanii, dura buutota kumaa Israaʼeli.”+

  • Iyyaasuu 22:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Achiis Israaʼelonni Finahaas+ ilma Eleʼazaar lubichaa gara Ruubenotaatti, gara Gaadotaattii fi gara walakkaa gosa Minaasee warra Giiliyaad keessa jiraniitti ergan; 14 geggeessitoonni kudhanis isaa wajjin jiru turan; manneen abbootii gosoota Israaʼel hundumaa keessaa geggeessaan tokko tokko jira ture; tokkoon tokkoon isaaniis Israaʼelota kumaan lakkaaʼaman* keessatti dura buutota mana abbootii isaanii turan.+

  • Iyyaasuu 23:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Iyyaasuun Israaʼelota hundumaa, jaarsolii isaanii, dura buutota isaanii, abbootii murtii isaanii fi geggeessitoota isaanii+ waamee+ akkana isaaniin jedhe: “Ani dulloomeera, umuriin koos sokkeera.

  • 1 Seenaa Baraa 27:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Lakkoofsi Israaʼelotaa, jechuunis kan dura buutota manneen abbootii, kan ajajjoota kumaa fi kan ajajjoota dhibbaa,+ akkasumas kan geggeessitoota isaanii warra gareewwan waggaa guutuu jiʼa jiʼaan galanii fi baʼan hunda geggeessuudhaan mooticha tajaajilan+ sanaa kana dha; tokkoon tokkoon gareewwanii keessatti namoota 24,000 turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi