-
Lakkoofsa 28:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Kun akka dambii Gaara Siinaa irratti baʼetti aarsaa yeroo hundumaa dhihaatuu+ fi urgaan isaa gammachiisu,* jechuunis aarsaa Yihowaadhaaf ibiddaan dhihaatu sana dha; 7 tokkoon tokkoon xobbaallaa hoolaa kormaa sanaa wajjinis aarsaan dhugaatii hiinii tokko keessaa harka afur keessaa harki tokko ni dhihaata.+ Dhugaatii alkoolii kanas Yihowaadhaaf aarsaa dhugaatii godhiitii iddoo qulqulluu irratti dhangalaasi.
-
-
Lakkoofsa 28:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Jibicha sanaaf daadhii wayinii walakkaa hiinii tokkoo,+ korbeessa hoolaa sanaaf hiinii tokko keessaa harka sadii keessaa harka tokko,+ akkasumas xobbaallaa hoolaa kormaa sanaaf hiinii tokko keessaa harka afur keessaa harka tokko aarsaa dhugaatii isaanii gootanii ni dhiheessitu.+ Kun aarsaa gubamu isa waggaa guutuu jiʼa jiʼaan dhihaatu dha.
-