11 Ilmi dubartii nama biyya Israaʼel sanaa Maqicha arrabsuu fi abaaruu jalqabe.+ Kanaafuu, gara Museetti isa fidan.+ Maqaan haadha isaa Shelomiit yeroo taʼu, ishiin intala Dibrii isa gosa Daan taʼe sanaa turte. 12 Murtiin Yihowaa hamma isaanitti himamutti, inni eegumsa jala akka turu godhan.+