11 Yihowaan Musee kan haasofsiisu, akkuma namni tokko nama kan biraa haasofsiisutti fuulaa fuulatti ture.+ Yommuu inni gara buufatichaatti deebiʼu, Iyyaasuun+ ilmi Nuun inni tajaajilaa fi gargaaraa+ isaa taʼe dunkaanicha biraa hin deemu ture.
8 Ani fuulaa fuulatti,*+ karaa namaaf hin galleen utuu hin taʼin ifatti isatti nan dubbadha; inni fuula Yihowaa ni arga. Maarree isin tajaajilaa koo Musee mormitanii dubbachuu kan hin sodaanne maaliifi?”