-
Uumama 13:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Loox isa irraa erga addaan baʼee booda Yihowaan Abraamiin akkana jedhe: “Maaloo, ol jedhiitii bakka jirtu kana irraa gara kaabaa fi gara kibbaa, akkasumas gara bahaa fi gara dhihaa ilaali; 15 sababiin isaas, ani biyya ilaaltu kana hundumaa sii fi sanyii keetiif dhaala dhaabbataa godhee nan kenna.+
-
-
Uumama 17:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 “Ani sii fi sanyii kee warra si booda dhufaniif Waaqa taʼuudhaaf, anaa fi si gidduutti, akkasumas anaa fi sanyii kee warra si booda dhufan guutummaa dhaloota isaanii gidduutti kakuu bara baraa akka taʼuuf kakuu koo nan eega.+
-