LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 3:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Anis sii+ fi dubartittii gidduutti,+ sanyii kee+ fi sanyii ishii gidduuttis+ diinummaan+ akka jiraatu nan godha. Inni mataa kee ni buruqsa,*+ ati immoo koomee isaa ni madeessita.”*+

  • Uumama 21:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Achiis Waaqayyo Abrahaamiin akkana jedhe: “Mucichaa fi garbittii tee ilaalchisee wanta Saaraan siin jechaa jirtutti hin gaddin. Inni sanyii kee jedhamee waamamu karaa Yisihaaq dhufa waan taʼeef,+ wanta ishiin siin jettu* dhagaʼi.

  • Uumama 28:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Kunoo, Yihowaan achi irra dhaabbatee ture; innis akkana jedhe:

      “Ani Yihowaa isa Waaqa abbaa kee Abrahaamii fi Waaqa Yisihaaq taʼe dha.+ Iddoo ciistee jirtu kana sii fi sanyii keetiif nan kenna.+ 14 Sanyiin kee dhugumaan akka biyyoo lafaa ni taʼa;+ atis gara dhihaatti, gara bahaatti, gara kaabaattii fi gara kibbaatti ni babalʼatta; maatiiwwan lafa irraa hundis karaa kee fi karaa sanyii kee dhugumaan ni eebbifamu.*+

  • Roomaa 9:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Kana malees, sanyii Abrahaam waan taʼaniif hundi isaanii ijoollee isaa ti jechuu miti;+ kanaa mannaa, “Inni sanyii kee jedhamee waamamu karaa Yisihaaq dhufa” jedhamee barreeffameera.+

  • Galaatiyaa 3:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Waadaan kun kan galame Abrahaamii fi sanyii isaatiif ture.+ Akka nama baayʼeedhaaf taʼetti, “sanyiiwwan keetiif” hin jedhu. Kanaa mannaa akka nama tokkoof taʼetti “sanyii keetiif” jedha; innis Kiristoosi.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi