LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 12:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yihowaanis Abraamiin akkana jedhe: “Biyya kee, firoottan kee fi mana abbaa kee dhiisiitii gara biyya ani sitti argisiisu dhaqi.+ 2 Ani saba guddaa sin godha; sin eebbisa; maqaa kee guddaa nan godha; atis warra kaaniif eebba ni taata.+ 3 Warra si eebbisan nan eebbisa; isa si abaaru immoo nan abaara;+ maatiiwwan lafa irraa hundis dhugumaan karaa kee ni eebbifamu.”*+

  • Uumama 12:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Yeroo kanatti Yihowaan Abraamitti mulʼatee, “Ani biyya kana sanyii keetiif+ nan kenna”+ jedhe. Kanaafuu, inni achitti Yihowaa isa isatti mulʼatee tureef iddoo aarsaa ni ijaare.

  • Uumama 13:14, 15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Loox isa irraa erga addaan baʼee booda Yihowaan Abraamiin akkana jedhe: “Maaloo, ol jedhiitii bakka jirtu kana irraa gara kaabaa fi gara kibbaa, akkasumas gara bahaa fi gara dhihaa ilaali; 15 sababiin isaas, ani biyya ilaaltu kana hundumaa sii fi sanyii keetiif dhaala dhaabbataa godhee nan kenna.+

  • Uumama 17:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 “Ani sii fi sanyii kee warra si booda dhufaniif Waaqa taʼuudhaaf, anaa fi si gidduutti, akkasumas anaa fi sanyii kee warra si booda dhufan guutummaa dhaloota isaanii gidduutti kakuu bara baraa akka taʼuuf kakuu koo nan eega.+

  • Uumama 22:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 ani dhugumaan sin eebbisa; dhugumaan sanyii kee akka urjiilee samii fi akka cirracha qarqara galaanaatti nan baayʼisa;+ sanyiin kees karra* diinota isaa ni dhaala.+ 18 Ati sagalee koo waan dhageesseef, saboonni lafa irraa hundi sanyii keetiin+ ofii isaaniitiif eebba ni argatu.’”+

  • Uumama 24:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Yihowaan Waaqni samii inni mana abbaa koo fi biyya firoottan kootii+ na baasee, ‘Ani biyya kana sanyii keetiif+ nan kenna’+ jedhee natti dubbatee fi naaf kakate,+ maleekaa isaa si dura ni erga;+ atis dhugumaan bakka sanaa+ ilma kootiif haadha manaa ni fidda.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi