LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 13:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Loox isa irraa erga addaan baʼee booda Yihowaan Abraamiin akkana jedhe: “Maaloo, ol jedhiitii bakka jirtu kana irraa gara kaabaa fi gara kibbaa, akkasumas gara bahaa fi gara dhihaa ilaali;

  • Uumama 13:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Ani sanyii kee akka biyyoo lafaa nan godha; akkuma biyyoon lafaa lakkaaʼamuu hin dandeenye, sanyiin kees lakkaaʼamuu kan hin dandeenye taʼa.+

  • Uumama 15:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Kana booda dubbiin Yihowaa mulʼataan gara Abraam dhufee, “Abraam, hin sodaatin.+ Ani gaachana kee ti.+ Badhaasa baayʼee guddaa taʼe ni argatta”+ isaan jedhe.

  • Uumama 15:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Sana booda alatti gad isa baasee, “Yoo dandeesse, maaloo, gara samiitti ol ilaaliitii urjiilee lakkaaʼi” isaan jedhe. Achiis, “Sanyiin kees akkanuma ni taʼa”+ isaan jedhe.

  • Uumama 17:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Kana booda maqaan kee Abraam* hin jedhamu; ani abbaa saboota hedduu waanan si godhuuf maqaan kee Abrahaam* jedhama.

  • Uumama 22:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 ani dhugumaan sin eebbisa; dhugumaan sanyii kee akka urjiilee samii fi akka cirracha qarqara galaanaatti nan baayʼisa;+ sanyiin kees karra* diinota isaa ni dhaala.+ 18 Ati sagalee koo waan dhageesseef, saboonni lafa irraa hundi sanyii keetiin+ ofii isaaniitiif eebba ni argatu.’”+

  • Keessa Deebii 26:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Sana booda ati Waaqa kee Yihowaa duratti akkana jetta: ‘Abbaan koo nama biyya Aaraam+ asii fi achi jooru* ture; inni gara Gibxiitti gad buʼee+ nama biyya ormaa taʼee achi jiraate; maatiin isaas muraasa turan.+ Haa taʼu malee, inni achitti saba guddaa humna qabeessaa fi hedduu ni taʼe.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi