-
Iyyaasuu 1:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 “Onnadhu, baayʼee cimi, guutummaa Seerichaa isa tajaajilaan koo Museen si ajaje hundumaas of eeggannoodhaan eegi. Bakka deemtu hundumaatti ogummaadhaan deddeebiʼuu akka dandeessuuf,+ isa irraa gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin gorin.+ 8 Wanta achi keessatti barreeffame hundumaa of eeggannoodhaan akka eegduuf,+ kitaabni Seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin;+ halkanii fi guyyaas sagalee kee gad qabii isa dubbisi;* akkana yoo goote, daandiin kee milkaaʼina ni argata, ogummaadhaanis ni deddeebita.+
-