-
Baʼuu 18:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Museen guutummaa Israaʼel keessaa namoota gaʼumsa qaban filatee ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaa fi ajajjoota kudhanii godhee sabicha irratti isaan muude. 26 Kanaafuu, yommuu dhimmi tokko kaʼu isaan sabichaaf murtii ni kennu turan. Dhimma ulfaataa taʼe gara Museetti fidu turan;+ dhimma salphaa taʼe hundumaa garuu isaantu murteessa ture.
-
-
2 Seenaa Baraa 19:4, 5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Yoshaafaax Yerusaalem keessa jiraachuu isaa itti fufe; namoonni Ber Sheebaadhaa hamma naannoo gaarotaa Efreem+ keessatti argaman gara Yihowaa isa Waaqa abbootii isaanii taʼetti akka deebiʼan gochuuf ammas ni baʼe.+ 5 Kana malees, inni guutummaa biyyattii keessatti, jechuunis magaalota Yihudaa warra dallaa dhagaa qaban hundumaa keessatti abbootii murtii ni muude.+
-