LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Miilkiyaas 2:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Sababiin isaas, ani wal hiikuu nan jibba”*+ jedha Yihowaan Waaqni Israaʼel; “nama jalʼinaan uffata isaa faalus* nan jibba” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. “Hafuura keessan eeggadhaa; gantummaas hin raawwatinaa.+

  • Maatewos 1:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Haa taʼu malee, abbaan manaa ishii* Yoseef nama qajeelaa waan tureef, uummata duratti ishii salphisuu hin barbaanne; kanaafuu, dhoksaatti ishii hiikuu yaade.+

  • Maatewos 19:3-8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Fariisonnis isa qoruuf yaaduudhaan gara isaa dhufanii, “Namni tokko sababiidhuma taʼeen haadha manaa isaa akka hiiku seerri isaaf ni heyyamaa?”+ jedhanii isa gaafatan. 4 Innis deebisee akkana jedhe: “Waaqayyo jalqabumaa kaasee dhiiraa fi dubartii godhee akka isaan uume+ hin dubbisnee? 5 ‘Kanaan kan kaʼes, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana; lamaan isaanii foon tokko taʼu’+ jedheera. 6 Kanaafuu, isaan sana booda foon tokko dha malee lama miti. Egaa, wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.”+ 7 Isaanis, “Maarree Museen waraqaa ragaa ittiin ishii hiiku ishiidhaaf kennee akka ishii hiiku kan ajaje maaliifi?”+ isaan jedhan. 8 Innis akkana isaaniin jedhe: “Museen sababii mata jabina keessaniitiif haadhotii manaa keessan akka hiiktan isiniif heyyame+ malee, jalqabaa kaasee haalli isaa akkana hin turre.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi