-
Maatewos 19:8, 9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Innis akkana isaaniin jedhe: “Museen sababii mata jabina keessaniitiif haadhotii manaa keessan akka hiiktan isiniif heyyame+ malee, jalqabaa kaasee haalli isaa akkana hin turre.+ 9 Ani isinitti nan hima, namni utuu ishiin halalummaa* hin raawwatin haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu kam iyyuu ejja raawwata.”+
-
-
Maarqos 10:5-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Yesuus garuu akkana isaaniin jedhe: “Museen sababii mata jabina keessaniitiif+ ajaja kana isiniif barreesse.+ 6 Haa taʼu malee, jalqaba uumamaatii kaasee, ‘Waaqayyo dhiiraa fi dubartii godhee isaan uume.+ 7 Kanaan kan kaʼes, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa;+ 8 lamaan isaanii foon tokko taʼu’;+ kanaafuu, isaan sana booda foon tokko dha malee lama miti. 9 Egaa, wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.”+
-