Miilkiyaas 2:14 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 14 Isinis, ‘Maaliif?’ jettu. Sababiin isaas, Yihowaan sii fi haadha manaa ijoollummaa kee gidduutti ragaa baatuu dha; ishiin michuu kee fi haadha manaa kee ishii kakuu galteef* taatus ati ishii ganteetta.+ Maatewos 5:32 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 32 Ani garuu isinitti nan hima, namni utuu ishiin halalummaa* hin raawwatin haadha manaa isaa hiiku hundi, ejjaaf akka saaxilamtu godha; namni dubartii hiikamte sana fuudhu hundis ejja raawwata.+ Maarqos 10:11, 12 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 11 Innis akkana isaaniin jedhe: “Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu kam iyyuu ishii irratti ejja raawwata;+ 12 dubartiin takkas abbaa manaa ishii hiiktee nama kan biraatti yoo heerumte ejja raawwatti.”+ Luqaas 16:18 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 18 “Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundi ejja raawwata; namni dubartii abbaan manaa hiike fuudhu hundis ejja raawwata.+ Roomaa 7:3 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 3 Kanaafuu, abbaan manaa ishii utuu lubbuudhaan jiruu kan nama biraa yoo taate ejjituu jedhamti.+ Abbaan manaa ishii yoo duʼe garuu seera isaa jalaa bilisa waan baatuuf, kan nama biraa yoo taate ejjituu hin jedhamtu.+ 1 Qorontos 7:10 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 10 Namoota gaaʼela godhataniif qajeelfama nan kenna; haa taʼu malee, ana utuu hin taʼin Gooftaatu kenna; haati manaa abbaa manaa ishii irraa gargar hin baʼin.+ Ibroota 13:4 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa 4 Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu, ciisichi gaaʼelaas qulqulluu haa taʼu;+ sababiin isaas, Waaqayyo namoota halalee* fi ejjitoota taʼanitti ni murteessa.+
14 Isinis, ‘Maaliif?’ jettu. Sababiin isaas, Yihowaan sii fi haadha manaa ijoollummaa kee gidduutti ragaa baatuu dha; ishiin michuu kee fi haadha manaa kee ishii kakuu galteef* taatus ati ishii ganteetta.+
32 Ani garuu isinitti nan hima, namni utuu ishiin halalummaa* hin raawwatin haadha manaa isaa hiiku hundi, ejjaaf akka saaxilamtu godha; namni dubartii hiikamte sana fuudhu hundis ejja raawwata.+
11 Innis akkana isaaniin jedhe: “Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu kam iyyuu ishii irratti ejja raawwata;+ 12 dubartiin takkas abbaa manaa ishii hiiktee nama kan biraatti yoo heerumte ejja raawwatti.”+
18 “Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundi ejja raawwata; namni dubartii abbaan manaa hiike fuudhu hundis ejja raawwata.+
3 Kanaafuu, abbaan manaa ishii utuu lubbuudhaan jiruu kan nama biraa yoo taate ejjituu jedhamti.+ Abbaan manaa ishii yoo duʼe garuu seera isaa jalaa bilisa waan baatuuf, kan nama biraa yoo taate ejjituu hin jedhamtu.+
10 Namoota gaaʼela godhataniif qajeelfama nan kenna; haa taʼu malee, ana utuu hin taʼin Gooftaatu kenna; haati manaa abbaa manaa ishii irraa gargar hin baʼin.+
4 Gaaʼelli hundumaa biratti kabajamaa haa taʼu, ciisichi gaaʼelaas qulqulluu haa taʼu;+ sababiin isaas, Waaqayyo namoota halalee* fi ejjitoota taʼanitti ni murteessa.+