-
Maarqos 10:2-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Fariisonni isa qoruuf yaaduudhaan gara isaa dhufanii, namni tokko haadha manaa isaa akka hiiku seerri kan isaaf heyyamu taʼuu fi dhiisuu isaa isa gaafatan.+ 3 Innis deebisee, “Museen maal isin ajaje?” isaaniin jedhe. 4 Isaanis, “Museen waraqaa ragaa ittiin ishii hiiku ishiidhaaf kennee akka ishii hiiku heyyameera”+ jedhan. 5 Yesuus garuu akkana isaaniin jedhe: “Museen sababii mata jabina keessaniitiif+ ajaja kana isiniif barreesse.+ 6 Haa taʼu malee, jalqaba uumamaatii kaasee, ‘Waaqayyo dhiiraa fi dubartii godhee isaan uume.+ 7 Kanaan kan kaʼes, namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa;+ 8 lamaan isaanii foon tokko taʼu’;+ kanaafuu, isaan sana booda foon tokko dha malee lama miti. 9 Egaa, wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin.”+ 10 Yeroo manatti deebiʼanis, barattoonni isaa waaʼee kanaa isa gaafachuu jalqaban. 11 Innis akkana isaaniin jedhe: “Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu kam iyyuu ishii irratti ejja raawwata;+ 12 dubartiin takkas abbaa manaa ishii hiiktee nama kan biraatti yoo heerumte ejja raawwatti.”+
-