-
Keessa Deebii 21:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 jaarsolii magaalaa isaatiinis, ‘Ilmi keenya kun mata jabeessaa fi didaa dha; nuufis hin ajajamu. Inni albaadhessaa*+ fi machooftuu+ dha’ haa jedhan. 21 Achiis namoonni magaalaa isaa hundi dhagaadhaan tumanii isa haa ajjeesan. Akka kanaan wanta hamaa taʼe of gidduudhaa balleessi; guutummaan Israaʼelis kana dhagaʼee ni sodaata.+
-