-
Keessa Deebii 21:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 “Namni tokko cubbuu duʼa itti murteessisu raawwatee yoo ajjeefame,+ atis muka irratti yoo isa fanniste,+ 23 reeffi isaa halkan guutuu muka irra turuu hin qabu.+ Kanaa mannaa, guyyuma sanatti isa awwaali; namni fannifamu Waaqayyo biratti akka waan abaaramaatti waan ilaalamuuf,+ biyya kee isa Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennu hin xureessin.+
-
-
Iyyaasuu 8:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Achiis Iyyaasuun mootii Aayiin hamma galgalaatti muka irratti ni fannise; yeroo aduun lixuuf jettuttis reeffa isaa muka irraa akka buusan ni ajaje.+ Isaanis reeffa isaa karra magaalattii biratti gatanii tuullaa dhagaa guddaa isa irra ni tuulan; tuullaan sunis hamma harʼaatti achuma jira.
-