LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 15:14-16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Namoonni dhagaʼanii+ hollatu;

      Jiraattonni Filisxeemis ni dhiphatu.*

      15 Yeroo sanatti dura buutonni* Edoom ni sodaatu;

      Bulchitoonni Moʼaab warri ciccimoon* ni hollatu.+

      Jiraattonni Kanaʼaan hundis abdii kutatu.+

      16 Naasuu fi sodaan isaan irra buʼa.+

      Yaa Yihowaa, hamma sabni kee darbutti,

      Hamma sabni kee inni ati uumte+ darbutti,+

      Irreen kee guddaa taʼuu isaatiin kan kaʼe isaan akkuma dhagaa kan hin sochoone taʼu.

  • Iyyaasuu 2:9-11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Achiis akkana isaaniin jette: “Yihowaan biyyattii akka isiniif kennuu+ fi sabichi akka isin sodaate+ ani beeka. Jiraattonni biyyattii hundis isiniin kan kaʼe abdii kutataniiru;+ 10 sababiin isaas, yeroo isin biyya Gibxii keessaa baatanitti Yihowaan akkamitti bishaan Galaana Diimaa isin duratti akka gogse,+ akkasumas wanta isin mootota Amoorotaa lamaan Sihoonii+ fi Oog+ warra Yordaanos gamatti* guutummaatti balleessitan sana irratti gootan dhageenyeerra. 11 Nuti waaʼee kanaa yeroo dhageenyetti baayʼee sodaanne;* isiniin kan kaʼe namni hin sodaanne tokko illee hin jiru; sababiin isaas, Waaqni keessan Yihowaan ol samii irratti, gad lafa irrattis Waaqa dha.+

  • Iyyaasuu 5:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Mootonni Amoorotaa+ warri Yordaanos irraa kallattii dhihaatiin* argaman hundii fi mootonni Kanaʼaanotaa+ warri galaanicha biratti argaman hundi Yihowaan Israaʼelonni hundi hamma ceʼanitti bishaan Yordaanos isaan duratti gogsuu isaa akkuma dhagaʼaniin baayʼee ni sodaatan;*+ Israaʼelotaan kan kaʼes onnachuu hin dandeenye.*+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi