LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 23:33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 33 Isaan ana irratti cubbuu akka si hin hojjechiisneef, biyya kee keessa jiraachuu hin qaban. Ati waaqolii isaanii yoo tajaajilte, kun dhugumaan kiyyoo sitti taʼa.”+

  • Lakkoofsa 33:55
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 55 “‘Jiraattota biyyattii of duraa hin ariitan+ taanaan garuu, warri akka jiraatan heyyamtaniif sun ija keessanitti akka huubaa, cinaacha keessanittis akka qoree ni taʼu; biyya keessa jiraattan keessattis isin ni dhiphisu.+

  • Keessa Deebii 20:16, 17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Magaalota saboota kanaa warra Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennu keessatti garuu, wanti hafuura baafatu tokko illee akka oolu hin godhin.+ 17 Kanaa mannaa, akkuma Waaqni kee Yihowaan si ajajetti isaaniin, jechuunis Heetota, Amoorota, Kanaʼaanota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yebuusota guutummaatti balleessi;+

  • Iyyaasuu 23:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Haa taʼu malee, isin guutummaatti duubatti deebitanii warra saboota sana irraa isin biratti hafan kanatti+ maxxantanii gaaʼelaan yoo walitti firoomtan,+ michoota isaanii yoo taatanii fi isaanis michoota keessan yoo taʼan, 13 kana booda Waaqni keessan Yihowaan saboota kana isin duraa akka hin ariine beekkadhaa.+ Hamma isin biyya gaarii Waaqni keessan Yihowaan isiniif kenne kana irraa balleeffamtanitti isaan kiyyoo fi hudhaa isinitti taʼu; dugda keessanitti qaccee,+ ija keessanitti immoo qoree ni taʼu.

  • Abbootii Murtii 1:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Israaʼelonni jabaachaa yeroo dhufanitti Kanaʼaanota hojii dirqamaa hojjechiisan+ malee, guutummaatti isaan hin ariine.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi