LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 23:31-33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 “Daangaan kee Galaana Diimaa irraa jalqabee hamma galaana Filisxeemotaatti, akkasumas lafa onaa sana irraa jalqabee hamma Lagichaatti* akka taʼu nan godha;+ jiraattota biyyattii harka keessanitti dabarsee nan kenna; atis of duraa isaan ni ariita.+ 32 Isaanii wajjin yookiin waaqolii isaanii wajjin kakuu hin galin.+ 33 Isaan ana irratti cubbuu akka si hin hojjechiisneef, biyya kee keessa jiraachuu hin qaban. Ati waaqolii isaanii yoo tajaajilte, kun dhugumaan kiyyoo sitti taʼa.”+

  • Keessa Deebii 7:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Gaaʼelaan isaanitti hin firoomin. Ijoollee durbaa kee ijoollee dhiiraa isaaniitiif hin kennin yookiin ijoollee durbaa isaanii ijoollee dhiiraa keetiif hin fudhatin.+ 4 Sababiin isaas, isaan ilmaan kee ana duukaa buʼuu irraa goranii waaqolii kan biroo akka tajaajilan ni godhu;+ achiis dheekkamsi Yihowaa si irratti bobaʼa; innis hatattamaan haxaaʼee si balleessa.+

  • Iyyaasuu 23:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Haa taʼu malee, isin guutummaatti duubatti deebitanii warra saboota sana irraa isin biratti hafan kanatti+ maxxantanii gaaʼelaan yoo walitti firoomtan,+ michoota isaanii yoo taatanii fi isaanis michoota keessan yoo taʼan, 13 kana booda Waaqni keessan Yihowaan saboota kana isin duraa akka hin ariine beekkadhaa.+ Hamma isin biyya gaarii Waaqni keessan Yihowaan isiniif kenne kana irraa balleeffamtanitti isaan kiyyoo fi hudhaa isinitti taʼu; dugda keessanitti qaccee,+ ija keessanitti immoo qoree ni taʼu.

  • Abbootii Murtii 2:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Isinis jiraattota biyya kanaa wajjin kakuu hin galinaa;+ iddoowwan aarsaa isaaniis diigaa.’+ Isin garuu sagalee kootiif hin ajajamne.+ Kana kan gootan maaliifi? 3 ‘Ani isin duraa isaan hin ariʼu;+ isaanis kiyyoo isinitti ni taʼu;+ waaqoliin isaanii isin gowwoomsu’+ kanan isiniin jedhes kanaafi.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi