-
Leewwota 25:33, 34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 Qabeenyi Leewwotaa deebifamee yoo bitamuu baate, manni isaanii inni magaalaa keessa jiruu fi inni gurgurame waggaa Iyyobeeliyyuutti isaaniif ni deebiʼa;+ sababiin isaas, manneen magaalota Leewwotaa keessa jiran Israaʼelota gidduutti qabeenya isaanii ti.+ 34 Kana malees, lafti dheedichaa+ magaalota isaaniitti marsee jiru dhaala isaanii isa dhaabbataa waan taʼeef gurguramuu hin dandaʼu.
-
-
Lakkoofsa 35:2-4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Israaʼelonni dhaala argatan keessaa magaalota Leewwonni keessa jiraatan,+ akkasumas iddoowwan dheedichaa magaalota sanatti marsanii jiran Leewwotaaf akka kennan isaan ajaji.+ 3 Isaanis magaalota sana keessa ni jiraatu; bakki dheedichaa sunis loon isaaniitiif, qabeenya isaaniitiif, akkasumas horiiwwan isaanii kaan hundaaf ni taʼa. 4 Bakki dheedichaa magaalota sanaa warri Leewwotaaf kennitan, dallaa magaalattiitti marsee jiru irraa kallattii hundumaatiin dhundhuma* 1,000 kan dheeratu ni taʼa.
-