-
Lakkoofsa 32:20-22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
20 Museenis akkana jedhee isaaniif deebise: “Taanaan akkana godhaa: Yihowaa duratti waraanaaf hidhadhaa;+ 21 Yommuu inni diinota isaa of duraa ariʼutti+ tokkoon tokkoon keessan waraanaaf yoo hidhattanii fi Yihowaa dura Yordaanos gamatti yoo ceetan, 22 hamma biyyattiin Yihowaadhaaf bitamtuttis+ akkana yoo gootan, sana booda deebiʼuu ni dandeessu;+ Yihowaa fi Israaʼel durattis yakka irraa bilisa ni taatu. Biyyi kunis Yihowaa duratti dhaala keessan ni taati.+
-
-
Lakkoofsa 32:25-29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruubenis Museedhaan akkana jedhan: “Nuti tajaajiltoonni kee akkuma gooftaan keenya ajaje ni goona. 26 Ijoolleen keenya, haadhotiin manaa keenya, horiiwwan keenyaa fi beeladoonni keenya hundi magaalota Giiliyaad keessa ni taaʼu;+ 27 Haa taʼu malee, akkuma gooftaan keenya jedhe tajaajiltoonni kee, jechuunis dhiironni Yihowaa duratti waraana irratti hirmaachuuf hidhatan hundi ni ceʼu.”+
28 Kanaafuu, Museen isaaniin ilaalchisee Eleʼazaar lubichaaf, Iyyaasuu ilma Nuunii fi dura buutota manneen abbootii gosoota Israaʼeliif ajaja ni kenne. 29 Museen akkana isaaniin jedhe: “Ilmaan Gaadii fi ilmaan Ruuben keessaa dhiironni Yihowaa duratti waraanaaf hidhatan hundi isinii wajjin Yordaanos gamatti yoo ceʼanii fi biyyattiin toʼannaa keessan jala yoo galte, isin biyya Giiliyaad akka dhaalaatti isaaniif ni kennitu.+
-