-
Iyyaasuu 7:5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Namoonni Aayis namoota 36 ni ajjeesan; bakka karra magaalattiidhaa alatti argamuu jalqabee hamma Shebaarimitti* isaan ariʼanii irraan gadee sana irratti isaan haleelan. Kanaafuu, onneen sabichaa baqee akkuma bishaanii dhangalaʼe.
-
-
Iyyaasuu 7:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Iyyaasuunii fi guutummaan Israa’el warri isaa wajjin turanis Akaan+ ilma Zeeraa, meeticha, uffata gaarii sanaa fi warqii battee sana,+ ijoollee dhiiraa isaa, ijoollee durbaa isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, bushaayee* isaa, dunkaana isaa fi wanta kan isaa taʼe hundumaa wajjin fuudhanii gara Sulula* Akooritti+ isaan geessan. 25 Iyyaasuunis, “Maaliif badiisa* nu irratti fidde?+ Yihowaanis harʼa badiisa si irratti fida” isaan jedhe. Yeroo kanatti guutummaan Israaʼel dhagaadhaan isa tuman;+ sana booda ibiddaan isaan guban.+ Akka kanaan hunduma isaanii dhagaadhaan ni tuman.
-