-
Iyyaasuu 1:3-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Akkuman Museedhaaf waadaa galetti, iddoo miila keessaniin ejjettan hundumaa isiniif nan kenna.+ 4 Daangaan keessanis lafa onaa irraa jalqabee hamma Libaanonittii fi hamma laga isa guddaa Efraaxisitti, jechuunis guutummaa biyya Heetotaa,+ akkasumas hamma Galaana Guddaa* isa kallattii dhihaatiin* argamuutti ni taʼa.+ 5 Lubbuudhaan hamma jirtutti eenyu iyyuu si dura dhaabbachuu hin dandaʼu.+ Akkuman Musee wajjin ture, sii wajjinis nan taʼa.+ Ani si hin dhiisu, si hin gatus.+
-