LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 28:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 “Haa taʼu malee, ajajawwanii fi dambiiwwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaa eeguu dhiisuudhaan sagalee Waaqa kee Yihowaa dhagaʼuu yoo didde, abaarsawwan kun baayʼinaan si irra ni gaʼu:+

  • Keessa Deebii 28:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 “Gochawwan kee warra hamoo taʼaniin, akkasumas ana dhiisuu keetiin kan kaʼe, Yihowaan hamma ati haxaaʼamtee badduttii fi hamma daftee balleeffamtutti, wanta gootu hundumaatiin abaarsa, burjaajaʼuu fi adaba sitti erga.+

  • Iyyaasuu 23:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Kakuu Waaqa keessan Yihowaa isa inni akka eegdaniif isin ajaje yoo cabsitan, dhaqxaniis waaqolii kan biroo yoo tajaajiltanii fi isaaniif yoo sagaddan, dheekkamsi Yihowaa isin irratti ni bobaʼa;+ isinis yeruma sana biyya gaarii inni isiniif kenne irraa ni balleeffamtu.”+

  • 2 Seenaa Baraa 15:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Kanaafuu, inni Aasaa argachuuf gad baʼee akkana isaan jedhe: “Ati yaa Aasaa, isin namoonni Yihudaa fi Biiniyaam hundumti keessan na dhagaʼaa! Isin isaa wajjin yoo taatan, Yihowaan isinii wajjin ni taʼa;+ isin yoo isa barbaaddattan inni isiniif ni argama;+ yoo isa dhiistan garuu, innis isin ni dhiisa.+

  • Isaayyaas 63:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Isaan garuu fincila kaasanii+ hafuura isaa isa qulqulluu gaddisiisan.+

      Innis diina isaanii ni taʼe,+

      Akkasumas isaan ni lole.+

  • Ermiyaas 17:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Abdii Israaʼel kan taate yaa Yihowaa,

      Warri si dhiisan hundi ni qaanaʼu.

      Warri si* ganan biyyoo irratti ni barreeffamu,+

      Sababiin isaas, isaan Yihowaa isa madda bishaan jireenyaa taʼe dhiisaniiru.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi