LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 13:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Raajiin yookiin namni abjuu abjuʼatu sun garuu daandii Waaqni keessan Yihowaan akka irra deemtan isin ajaje irraa akka gortan gochuuf, Waaqa keessan Yihowaa isa biyya Gibxii keessaa isin baasee fi mana garbummaa jalaa isin fure irratti akka finciltan waan isin jajjabeesseef haa ajjeefamu.+ Wanta hamaa taʼes of gidduudhaa balleessaa.+

  • Keessa Deebii 17:2-5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Dhiiras taʼe dubartii namni magaalota kee warra Waaqni kee Yihowaan siif kennu kam iyyuu keessatti si gidduu jiraatu tokko wanta Waaqa kee Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwata yookiin kakuu isaa ni cabsa taʼa;+ 3 akkasumas karaa irraa goree waaqolii kan biroo ni waaqeffata, isaaniif yookiin aduudhaaf yookiin addeessaaf yookiin raayyaa samii hundumaatiif sagaduudhaan+ wanta ani hin ajajne ni raawwata taʼa.+ 4 Dhimmi kun yoo sitti himame yookiin waaʼee isaa yoo dhageesse, dhimmicha akka gaariitti qoradhu. Wanti jibbisiisaan kun Israaʼel keessatti raawwatamuun isaa yoo mirkanaaʼe,+ 5 dhiiras taʼe dubartii nama wanta hamaa kana raawwate gara karra magaalattiitti fidi; namni sunis dhagaadhaan tumamee haa ajjeefamu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi