LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Saamuʼel 8:11-18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Akkana isaaniin jedhe: “Mootiin isin bulchu wantoota kana isin gaafachuuf mirga qaba:+ Inni ilmaan keessan fudhatee+ gaarii fardaa isaa keessa kaaʼa;+ abbootii fardeenii isaas isaan godhata;+ isaan keessaa tokko tokko immoo gaarii fardaa isaa dura ni fiigu. 12 Ofii isaatiifis ajajjoota kumaa+ fi ajajjoota shantamaa+ godhee isaan muuda; isaan keessaa tokko tokko maasii isaa isaan qochisiifata;+ midhaan isaa isaan haamsifata;+ meeshaa waraanaa fi miʼa gaarii fardaa isaa isaan hojjechiifata.+ 13 Ijoollee durbaa keessan fudhatee warra dibata* qopheessan, warra nyaata bilcheessanii fi daabboo tolchan isaan godhata.+ 14 Maasii midhaanii keessan, maasii wayinii keessanii fi mukeetii ejersaa*+ keessan keessaa isa hundumaa irra wayyu fudhatee tajaajiltoota isaatiif kenna. 15 Midhaan keessanii fi wayinii keessan keessaa kurnoo* fudhatee abbootii taayitaa mana mootummaa isaa fi tajaajiltoota isaatiif kenna. 16 Dhiirotaa fi dubartoota tajaajiltoota keessan taʼan, horiiwwan keessan warra hundumaa irra wayyanii fi harroota keessan fudhatee hojii isaatiif itti fayyadama.+ 17 Bushaayeewwan* keessan keessaa kurnoo ni fudhata;+ isinis tajaajiltoota isaa ni taatu. 18 Mootii ofii keessaniif filattaniin kan kaʼe guyyaan itti boossan ni dhufa;+ Yihowaan garuu guyyaa sanatti deebii isiniif hin kennu.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi