LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 8:39
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 39 bakka jireenyaa kee+ samii keessaa dhagaʼiitii dhiifama godhi;+ tarkaanfiis fudhadhu; garaa isaa kan beeku si waan taʼeef (dhugumaan garaa nama hundumaa kan beeku si qofa dha)+ tokkoon tokkoon namaatiif akka daandiiwwan isaa hundumaatti isaaf deebisi;+

  • 1 Seenaa Baraa 28:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 “Atis Solomoon yaa ilma koo, Yihowaan garaa hundumaa waan qoruu+ fi yaadaa fi fedhii hundumaa waan hubatuuf,+ Waaqa abbaa keetii beeki; garaa guutuu*+ fi lubbuu* gammachuu qabuun* isa tajaajili. Ati yoo isa barbaadde innis siif ni argama;+ yoo isa dhiiste garuu innis bara baraaf si dhiisa.+

  • Faarfannaa 7:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Maaloo, gocha hamminaa hamoonni raawwatan dhaabsisi.

      Qajeelota garuu hundeessii dhaabi,+

      Sababiin isaas, ati Waaqa qajeelaa+ garaa namaa fi miira gad fagoo* qoru dha.+

  • Fakkeenya 24:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Ati, “Garuu nuti waaʼee kanaa hin beeknu” yoo jette,

      Inni garaa* namootaa qoru kana hin hubatuu?+

      Eeyyee, inni si* argu ni beeka,

      Tokkoon tokkoon namaatiifis akka hojii isaatti ni deebisa.+

  • Ermiyaas 17:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Ani Yihowaan tokkoon tokkoon namaatiif akka daandii isaatti,

      Akka firii hojii isaattis kennuuf,+

      Garaa namaa nan ilaala,+

      Yaada keessa namaa jirus* nan qora.

  • Hojii Ergamootaa 1:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Achiis akkana jedhanii kadhatan: “Yaa Yihowaa* isa garaa namoota hundumaa beektuu,+ namoota lamaan kana keessaa isa filatte nu beeksisi;

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi