-
1 Saamuʼel 2:12-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Ilmaan Eelii namoota hamoo turan;+ Yihowaadhaafis kabaja hin qaban turan. 13 Isaan aarsaa sabichi dhiheessu keessaa isa gaʼee lubootaa taʼe fudhachuu mannaa akkana godhu turan:+ Namni kam iyyuu utuu aarsaa dhiheessaa jiruu, tajaajilaan lubichaa utuu foonichi affeelamaa jiruu shukkaa qara sadii qabu qabatee dhufuudhaan, 14 shukkaa sana sataatee, distii gurra lama qabu, xuwwee yookiin distii gurra tokko qabu keessa liccisiisa. Wanta shukkaan sun ol baase kam iyyuu lubichi ofii isaatiif fudhata ture. Isaan Shiilootti Israaʼelota achi dhufan hundumaa irratti akkanuma godhu turan. 15 Kana malees, namichi aarsaa dhiheessu sun cooma sana gubuu isaa dura+ illee, tajaajilaan lubichaa dhufee, “Foon ani lubichaaf waadu naa kenni. Inni foon dheedhii qofa malee foon affeelame si irraa hin fudhatu” isaan jedha. 16 Yommuu namichi, “Dura cooma isaa haa guban;+ sana booda isa barbaadde* fudhachuu dandeessa” isaan jedhu, inni immoo “Lakki, ammuma naa kenni; taʼuu baannaan humnaanan si irraa fudhadha!” isaan jedha ture. 17 Namoonni sun aarsaa Yihowaadhaaf dhihaatu waan tuffataniif, cubbuun tajaajiltoota sanaa Yihowaa duratti baayʼee guddaa taʼe.+
-