-
Lakkoofsa 23:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
Inni wanta tokko yommuu jedhu, wanta sana hin raawwatuu?
Wanta dubbate hoo, fiixaan hin baasuu?+
-
-
1 Saamuʼel 2:31-34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Kunoo, mana kee keessaa namni dulluma bira gaʼu tokko illee akka hin jiraanne gochuuf, guyyaan ani jabina* kee fi jabina mana abbaa keetii itti kutu ni dhufa.+ 32 Israaʼel wanta gaariitti yommuu gammadutti, ati mana koo keessatti ija kee duratti morkattuu ilaalta;+ mana kee keessattis lammata namni dulloomaan hin argamu. 33 Namni kee inni ani iddoo aarsaa kootti akka tajaajiluuf hambisus ijji kee akka dadhabu ni godha; gaddas sitti ni fida;* namoota mana kee keessaa hedduun isaanii garuu goraadeedhaan ni duʼu.+ 34 Wanti ilmaan kee lamaan Hofnii fi Finahaas irra gaʼu kun siif mallattoo ni taʼa: Lamaan isaanii iyyuu guyyuma tokkotti ni duʼu.+
-