-
1 Saamuʼel 11:9-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Namoonni sunis yeroo kanatti ergamtoota Yaabeeshii dhufan sanaan akkana jedhan: “Isin namoota Yaabeesh warra Giiliyaad keessa jiranitti, ‘Boru yommuu aduun hoʼitu, isin ni oolchina’ jedhaatii itti himaa.” Ergamtoonni sunis dhufanii namoota Yaabeeshitti himan; isaanis baayʼee gammadan. 10 Kanaafuu, namoonni Yaabeesh Amoorotaan, “Boru harka keenya isinitti ni kennina; isinis wanta gaarii isinitti fakkaate hundumaa nu irratti raawwachuu dandeessu” jedhan.+
11 Guyyaa itti aanutti Saaʼol namoota sana garee sadiitti ni hire; isaanis halkan gara barii* buufata sana gidduu seenanii hanga aduun hoʼitutti Amoonota+ rukutan. Warri oolanis namni lama illee waliin taʼuu hamma hin dandeenyetti ni bibittinnaaʼan.
-