LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Saamuʼel 4:5-8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Ilmaan Rimoon Beʼeerotichaa kan taʼan Reekaabii fi Baʼaanaan, Ish Bosheet guyyaa saafaa utuu boqochaa jiruu gara mana isaatti ni seenan. 6 Isaan qamadii kan fudhatan fakkaatanii manichatti seenanii garaa isaa waraanan; sana booda Reekaabii fi obboleessi isaa Baʼaanaan+ ni miliqan. 7 Yommuu gara manichaa seenanis inni kutaa ciisichaa isaa keessa siree isaa irra ciisee ture; isaanis rukutanii erga isa ajjeesanii booda mataa isaa isa irraa ni muran. Achiis mataa isaa fudhatanii halkan guutuu daandii gara Arabaatti geessu irra deemaa bulan. 8 Mataa Ish Bosheet+ gara Daawit isa Kebroonitti argamuu fidanii mootichaan, “Mataan Ish Bosheet ilma Saaʼol diina+ kee isa lubbuu kee balleessuuf barbaadaa+ ture sanaa kunoo ti. Guyyaa harʼaatti Yihowaan gooftaa keenya mootichaaf jedhee Saaʼolii fi sanyiiwwan isaa irratti haaloo baʼeera” jedhan.

  • 2 Saamuʼel 4:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Achiis Daawit akka isaan ajjeesaniif dargaggoota sana ni ajaje.+ Isaanis harka isaanii fi miila isaanii kutanii bishaan kuufamaa Kebroon biratti isaan fannisan.+ Mataa Ish Bosheet garuu fuudhanii iddoo awwaalchaa Abneer isa Kebroon keessatti argamutti awwaalan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi