LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Saamuʼel 15:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Kana malees, Abishaalom yommuu aarsaawwan dhiheessetti, Ahitoofel+ Giloonicha isa gorsituu+ Daawit taʼetti nama ergee magaalaa isaa Giloon+ keessaa isa waamsise. Dabni Abishaalom qopheesse ittuma cimaa deeme; namoonni Abishaalomiin deggeranis lakkoofsi isaanii baayʼachaa deeme.+

  • 2 Saamuʼel 17:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Achiis Abishaalomii fi namoonni Israaʼel hundi, “Gorsa Ahitoofel mannaa, gorsa Hushaay Arkichaa wayya!” jedhan.+ Kunis kan taʼe, Yihowaan Abishaalom irratti badiisa fiduuf jecha, Yihowaan gorsa Ahitoofel+ isa gaarii busheessuuf waan murteesseef* ture.+

  • 2 Saamuʼel 17:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Ahitoofel gorsi isaa fudhatama akka dhabe yommuu argu, harree isaa feʼatee gara mana isaa isa magaalaa inni keessa jiraatu keessatti argamuu dhaqe.+ Maatii isaatiif qajeelfama erga kennee+ boodas of fannise.*+ Inni akka kanaan ni duʼe; iddoo awwaalchaa abbootii isaattis ni awwaalame.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi