-
1 Saamuʼel 31:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Achiis Saaʼol namicha meeshaa waraanaa isaaf baatuun, “Namoonni dhaqna hin qabanne+ kun dhufanii akka na hin waraannee fi gara jabinaan akka na hin dhiphisnetti goraadee kee luqqifadhuutii na waraani” jedhe. Haa taʼu malee, namichi meeshaa waraanaa isaaf baatu baayʼee waan sodaateef isa waraanuu dide. Kanaafuu, Saaʼol goraadee fudhatee irratti kufe.+
-
-
1 Mootota 16:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Zimriinis magaalattiin qabamuu ishii yommuu argu, gara masaraa mana mootichaa isa cimaa taʼe sanaa dhaqee achuma keessa utuu jiruu manicha of irratti gube; achiis ni duʼe.+
-
-
Faarfannaa 5:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Waaqayyo garuu yakkamtoota taʼuu isaanii ni labsa;
Haxxummaan ofii isaanii akka kufan isaan godha.+
Balleessaa hedduu raawwachuu isaaniitiin kan kaʼe haa ariʼaman;
Sababiin isaas, isaan si irratti fincilaniiru.
-