LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Iyyaasuu 7:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Iyyaasuunii fi guutummaan Israa’el warri isaa wajjin turanis Akaan+ ilma Zeeraa, meeticha, uffata gaarii sanaa fi warqii battee sana,+ ijoollee dhiiraa isaa, ijoollee durbaa isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, bushaayee* isaa, dunkaana isaa fi wanta kan isaa taʼe hundumaa wajjin fuudhanii gara Sulula* Akooritti+ isaan geessan.

  • Iyyaasuu 7:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Achiis tuullaa dhagaa guddaa isa irra ni tuulan; tuullaan kunis hamma harʼaatti jira. Yeroo kanatti dheekkamsi Yihowaa inni bobaʼu ni qabbanaaʼe.+ Maqaan iddoo sanaas hamma harʼaatti Sulula Akoor* jedhamee kan waamamu kanaafi.

  • Iyyaasuu 8:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Achiis Iyyaasuun mootii Aayiin hamma galgalaatti muka irratti ni fannise; yeroo aduun lixuuf jettuttis reeffa isaa muka irraa akka buusan ni ajaje.+ Isaanis reeffa isaa karra magaalattii biratti gatanii tuullaa dhagaa guddaa isa irra ni tuulan; tuullaan sunis hamma harʼaatti achuma jira.

  • Iyyaasuu 10:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Isaanis mootota shanan kana, jechuunis mootii Yerusaalem, mootii Kebroon, mootii Yaarmut, mootii Laakiishii fi mootii Egloon+ holqa sana keessaa baasanii gara isaatti fidan.

  • Iyyaasuu 10:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Yeroo aduun lixxuttis Iyyaasuun muka irraa buufamanii+ holqa isa keessa dhokatanii turan sana keessatti akka gataman ajaje. Achiis afaan holqichaa irra dhagoonni guguddaan ni kaaʼaman; isaan kunis hamma harʼaatti achuma jiru.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi