-
2 Saamuʼel 21:8-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Kanaafuu, mootichi Armoonii fi Mefibosheet ilmaan Rizphaan+ intalli Aayaa Saaʼoliif deesse lamaan, akkasumas ilmaan Miikaal*+ intalli Saaʼol Adriʼel+ ilma Baarzilaay Meholaatichaaf deesse shanan ni fudhate. 9 Achiis Gibeʼonotatti dabarsee isaan kenne; isaanis Yihowaa duratti gaaricha irratti reeffa isaanii fannisan.+ Torban isaaniis walii wajjin duʼan; isaanis guyyoota jalqabaa makarri itti sassaabamutti, jechuunis yeroo makarri garbuu sassaabamuu jalqabutti ajjeefaman. 10 Achiis Rizphaan+ intalli Aayaa uffata gaddaa fudhattee, yeroo itti jalqaba makarri sassaabamuu kaasee hanga samii irraa bokkaan reeffawwan sana irra buʼeetti qarsaa sana irratti afte; ishiin allaattiiwwan samii guyyaadhaan akka isaan irra hin qubanne, bineensonni bosonaas halkaniin akka isaanitti hin dhihaanne goote.
11 Wanti Rizphaan intalli Aayaa saajjatoon Saaʼol gootes Daawititti himame.
-