-
1 Seenaa Baraa 11:15-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Raayyaan waraanaa Filisxeem tokko Sulula* Refaayim+ keessa buufatee utuu jiruu, dura buutota 30n keessaa sadan isaanii gara qarsaa sanaatti, gara Daawit isa holqa Adulaam keessa turetti gad buʼan.+ 16 Yeroo sanatti Daawit dahoo keessa ture; buufanni loltoota Filisxeemotaa tokko immoo Beetaliheem keessa ture. 17 Achiis Daawit, “Boolla bishaanii karra Beetaliheem+ bira jiru keessaa bishaanan dhugu utuun argadhee natti tola ture!” jedhee fedhii isaa ibse. 18 Yeroo kanatti namoonni sadan gara buufata Filisxeemotaatti cabsanii seenuudhaan, boolla bishaanii karra Beetaliheem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan; inni garuu bishaanicha dhuguu didee Yihowaadhaaf gad dhangalaase. 19 Innis, “Kana gochuun Waaqa koo duratti anaaf wanta hin yaadamne dha! Dhiiga namoota lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilan kanaa dhuguun qabaa?+ Sababiin isaas, isaan bishaan kana kan fidan lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii ti” jedhe. Kanaan kan kaʼes, bishaanicha dhuguu dide. Kun, wantoota loltoonni jajjaboon isaa sadan raawwatani dha.
-