-
2 Saamuʼel 23:13-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Dura buutota 30n keessaa sadan isaanii yeroo midhaan sassaabamutti gara Daawit isa holqa Adulaamitti+ argamutti gad buʼan; gareen* Filisxeemotaa tokkos Sulula* Refaayim+ keessa buufatee ture. 14 Yeroo sanatti Daawit dahoo keessa ture;+ buufanni loltoota Filisxeemotaa tokko immoo Beetaliheem keessa ture. 15 Achiis Daawit, “Boolla bishaanii karra Beetaliheem bira jiru keessaa bishaanan dhugu utuun argadhee natti tola ture!” jedhee fedhii isaa ibse. 16 Yeroo kanatti loltoonni jajjaboon sadan gara buufata Filisxeemotaatti cabsanii seenuudhaan, boolla bishaanii karra Beetaliheem bira jiru keessaa bishaan waraabanii Daawitiif fidan; inni garuu bishaanicha dhuguu didee Yihowaadhaaf gad dhangalaase.+ 17 Achiis, “Yaa Yihowaa, kana gochuun anaaf wanta hin yaadamne dha! Dhiiga namoota lubbuu isaanii balaadhaaf saaxilanii deeman kanaa dhuguun qabaa?”+ jedhe. Kanaan kan kaʼes, bishaanicha dhuguu dide. Kun, wantoota loltoonni jajjaboon isaa sadan raawwatani dha.
-