-
1 Seenaa Baraa 14:13-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Boodas Filisxeemonni deebiʼanii sululicha* weeraran.+ 14 Daawit ammas Waaqayyoon ni gaafate; Waaqni dhugaan garuu akkana isaan jedhe: “Kallattiidhaan isaan duukaa buutee ol hin baʼin. Kanaa mannaa, duuba isaaniitiin naannaʼiitii tusii* baakaa* fuulduratti isaan waraani.+ 15 Fiixee tusii baakaa irraa sagalee adeemsa duulaa yommuu dhageessu, Waaqni dhugaan raayyaa waraanaa Filisxeemotaa rukutuuf si dura waan baʼeef isaan haleeli.”+ 16 Kanaafuu, Daawit akkuma Waaqni dhugaan isa ajaje ni godhe;+ isaanis Gibeʼonii hamma Geezeritti+ raayyaa waraanaa Filisxeemotaa ni rukutan. 17 Daawit guutummaa biyyattii keessatti beekamummaa ni argate; Yihowaanis saboonni hundi akka isa sodaatan godhe.+
-