-
2 Seenaa Baraa 1:3-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Bakki sun iddoo dunkaanni walgaʼii Waaqa dhugaa, jechuunis dunkaanni Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe lafa onaa* keessatti hojjete itti argamu waan tureef, Solomoonii fi guutummaan gumichaa gara iddoo ol kaʼaa Gibeʼonitti+ argamu sanaa ni dhaqan. 4 Haa taʼu malee, Daawit Taabota Waaqa dhugaa sana Qiriyaat Yeʼariim+ irraa fuudhee gara iddoo isaaf qopheessetti fidee ture; Yerusaalem keessattis taabotichaaf dunkaana dhaabee ture.+ 5 Iddoon aarsaa Bezaaliʼel+ ilmi Uurii ilmi Huur sibiila diimaa+ irraa hojjete godoo qulqulluu Yihowaa dura kaaʼamee ture; Solomoonii fi gumichis isa duratti kadhannaa dhiheessu* turan. 6 Solomoonis achitti Yihowaa duratti aarsaawwan ni dhiheesse; iddoo aarsaa sibiila diimaa dunkaana walgaʼii sanaa irrattis aarsaawwan gubaman 1,000 ni dhiheesse.+
-