-
2 Seenaa Baraa 30:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Waaqni keessan Yihowaan gara laafessaa* fi araara qabeessa waan taʼeef,+ yommuu isin gara Yihowaatti deebitan warri obboloota keessanii fi ilmaan keessan boojiʼan gara laafina isaanitti ni argisiisu;+ gara biyya kanaatti akka deebiʼanis isaaniif ni heyyamu;+ isin gara isaatti yoo deebitan inni fuula isaa isin irraa hin deebisu.”+
-
-
Izraa 7:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Kana malees, inni mootichaa fi gorsitoota isaa,+ akkasumas bulchitoota mootichaa warra jajjaboo taʼan hundumaa duratti jaalala amanamaa natti argisiiseera.+ Harki Waaqa koo Yihowaa anaa wajjin waan tureef, nan onnadhe;* Israaʼel keessaas namoonni dura buutota* taʼan anaa wajjin akka ol baʼan walitti isaan nan qabe.
-
-
Nahimiyaa 2:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Achiis mootichaan akkanan jedhe: “Kun mooticha kan gammachiisu yoo taʼe, hamman Yihudaa gaʼutti nagaadhaan akka na dabarsaniif xalayaawwan ani bulchitoota naannoo Lagicha* Gamaatiif+ kennu naaf haa kennaman; 8 kana malees, saanqaa karrawwan Dallaa Dhagaa+ Manichaatiif,* dallaawwan magaalattiitiif,+ akkasumas mana ani gara isaa dhaquuf taʼu akka naaf kennu xalayaan ani Asaaf isa eegduu Paarkii* Mootichaa taʼetti kennus naaf haa kennamu.” Harki Waaqa koo inni gaariin anaa wajjin waan tureef,+ mootichi wantoota kana anaaf ni kenne.+
-