LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Mootota 7:51
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 51 Kanaafuu, Solomoon Mootichi hojiiwwan mana Yihowaatiif hojjechuu qabu hunda hojjetee xumure. Achiis Solomoon wantoota abbaan isaa Daawit qulqulleesse achitti ni galche;+ meeticha, warqichaa fi miʼawwan sanas manneen qabeenyaa mana Yihowaa keessa ni kaaʼe.+

  • 1 Mootota 15:18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Yeroo kanatti Aasaan meetii fi warqii manneen qabeenyaa mana Yihowaa fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessatti hafe hunda fuudhee tajaajiltoota isaatti kenne. Achiis Aasaan Mootichi tajaajiltoota isaa kana gara Benhadaad ilma Taabrimoon, ilma Heziyoon isa mootii Sooriyaa+ taʼee fi Damaasqoo keessa jiraachaa turetti ni erge; akkana isaan jedhe:

  • 2 Mootota 18:14, 15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Kanaafuu, Hisqiyaas mootiin Yihudaa, “Ani balleesseera. Ana irraa deebiʼi; wanta ati na gaafatte hunda siifan kenna” jedhee gara mootii Asoor isa Laakiishitti argamutti dhaamsa erge. Mootiin Asooris adaba meetii taalaantii* 300 fi warqii taalaantii 30 akka kaffalu Hisqiyaas mootii Yihudaatti murteesse. 15 Kanaafuu, Hisqiyaas meetii mana Yihowaa keessatti argamuu fi manneen qabeenyaa mana mootichaa keessatti argamu hunda isaaf ni kenne.+

  • 2 Mootota 24:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yehoyaakiin mootiin Yihudaa haadha isaa, tajaajiltoota isaa, bulchitoota isaa fi abbootii taayitaa mana mootummaa+ isaa wajjin gara mootii Baabilonitti+ baʼe; mootiin Baabilonis Yehoyaakiin mootii taʼee waggaa saddeettaffaa isaatti boojiʼee isa fudhate.+ 13 Qabeenya mana Yihowaa fi qabeenya mana mootichaa hundumaas achi keessaa baasee fudhate.+ Miʼawwan warqii mana qulqullummaa Yihowaa keessa jiranii fi Solomoon mootiin Israaʼel hojjete hundumaa ni caccabse.+ Kunis akkuma Yihowaan dursee dubbatetti ni raawwatame.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi